Saturday, December 25, 2010

Hawaasti Oromoo SA FDG Kabajate


(Madda Oduu ABO, MOA, Adelaide, Sadaasa 27, 2010) Hawaasti Oromoo Adelaide, South Australia, keessa jiraatan gaafa 20/11/2010 guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Garbummaa sirna oo’aa fi haala mijaawaa kabajachuun gabaasame.

Akka gabaasaa MOAtti qophiin gootota ilmaan Oromoo kanneen diddaa garbummaa irra otuu jiranii wareegaman yaadachuuf qophaa’e kun akkuma aadaa Oromootti eebba maanguddootaan baname.

Itti aansudhaan Dura Taa’aan Waldaa Hawaasa Oromoo South Australia-OCASA- erga keessummoota Migrant Resource Centre-MRC SA fi Community Somali irraa argaman galateeffatanii booda haasawa godhan keessatti akka Oromoon mootummaa mataa ofii, Oromia, qabaachaa ture garuu jaarraa 19 keessa kaasee sirna bittaa gabroonfataa gurrachaan hiraarfamaa, fi saamamaa akka jiru ibsan.

Oromoon erga mirga isii samamtee as takkaa otoo qabsoo hin gudhiin haya jettee gabrummea jalatti akka hinbuliin kan ibsan Ob Ibraahim, “ammalle wanni asitti walitti nu fide kun itti fufiinsa qabsoo sanaa ti,” jedhanii jiru.

Itti aasnsee abbaan jaarmayaa hawaasa Oromoo J/Kadir Ibrahin FDG maaliif akka kabajamuu eegale yeroo ibsu, “ABOn akkuma qabsoo Oromoo bakka tokko tokkotti finiinaa ture bakka tokkotti fidee jarmiyesse, finciloota diddaa garbummaa bakk adda addaatti adeemaa tures gamteessee akkaataa qabsoo Oromoo itti millkeessu irratti hojjachuu eegale,” jedhee jira.

“ABOn qabsoo fincila diddaa garbummaa yeroo labsutti, ummati Oromoo dhaamsa dhaaba isaa kana dhagahee waliin hiriiruun isaa dhaabni sun hagam ummata Oromoo biratti kabajaaa fi marartoo akka qabu ibse,” kan jedhe J/ Kadir, ammas qabsoo Oromoo milkeessuu irratti dhalooti haaraan waan yeroon gaafatu maraan birmachuu fi qabsoo egere isaan eeggatuuf of qopheessuu qabu,” jedhee dhaamee jira.

Ayyaana kana irratti keessummoota argaman keessaa bakka bu’aan hawaasa Somaali illee ayyaana kana irratti argamuu isaatiif gammachuu itti dhagayame erga ibsaniin booda muuxannoo waljijjiiruufis hawaasa Oromoo irraa kanneen uffannaa aadaa Oromoo calaqqisu uffatanii hirmaatan lama akka walgeettii hawaasa isaanii irratti argaman afeeranii jiru.

Jaarmiyaa dhimma qubattootaa South Australia, MRCSA, irraa keessummaan argaman Aadde Michelle S M Dieu dhaamsa dabarsan keessatti waldaan Hawaasa Oromoo SA qophii kana irratti isaan afeeruu isaatiif erga galateeffatanii booda, hawaasti Oromoo akkuma kanatti fakkeenya gaarii ta’uun walijaaree haadholii, fi dargaggoota akka jajjabeessuu fi barsiisu dhaamanii jiran.

Guyyuma kana keeysa ayyaana Edaatis kan kabajatan yoo ta’u, maayii irratti Waldaya dargagoota Oromoo kan kubbaa miilaa, ‘Oromo United Football Club Of South Australia O.U.FC.SA’ jedhamu ijaarrachuun kan labsatan ta’uun beekamee jira.