Tuesday, April 27, 2010

Ayyaana Gootota Oromoo

Hidhaa fi Saamichi Ummata Oromo Irraa Akka Dhaabbatu Gaafatame!

(Madda Oduu ABO/MOA/ Adelaide, South Australia, 27 Ebla 2010) Hidhaa fi Saamichi ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru, naannoo Gaanfa Afrikaa jeequmsa olaanaaf kan saaxilu waan ta’eef naga jaalattooti addunyaa mootummaa Wayyaanee irratti dhiibbaa akka godhan gaafatame.




Maddi Oduu ABO akka gabaasetti, waamichi kun ummattoota Addunyaa nagaafi tasagabbii jaalatan maraaf kan dhiyaate, Ayyaana Guyyaa Gootota Oromiyaa Awustiraaliyaa Kibbaa magaalaa Adeleyid keessatti torbee darbe kabajame oole irratti ture.
Ayyaana Guyyaa Gootota Oromiyaa hawaasa Oromoo magaalaa Adeleyid keessa jiraataniin kabajame kana irratti akka ibsametti, mootummaan Wayyaanee yeroo kamiyyuu caalaa lafa Oromoo abbootii qabeenyaa biyya alaatti gurguruun, ummata Oromoo immoo lafamalee gochaa jira.
Dura Taa’aan jaarmiyaa ABO Konyaa Adelaide, Jaal Ahmad Abdurahiman, itti dabaluunis, ayyaana kana irratti haala Oromiyaafi Oromoon itti jiru yeroo ibsu mootummaan Wayyaanee karaa hundaan qabeenya Oromiyaa saamaa akka jirtu, mirga ummata Oromoos hedduu miidhaa akka jirtu hubachiiseera.
“Yeroo qondaaltoti Wayyaanee lafa Oromoo gurguranii, coomaa fi daadhiidhaan dhaqna dhiqachaa jiranitti, abbaa biyyaa fi abbaa lafaa kan ta’e qotee bulaan Oromoo agabee xanneedhaan du’aa jira,” kan jedhe Jaal Ahmad, dhibdee kana furuufis ummati keenya gama hundaan wal ijaaranii tokkumaan diina isaanii irratti bobba’uu akka qaban dhaamsa dabarseera.
Gaaffiin ummata Oromoo mirga hiree fi qabeenya ofii irratti ajajuu danda’uu ta’ee otuu jiruu kanneen gaaffii mirgaa kana kaasan biyya irraa aryachuu, biyya itti baqatan keessatti nagaan akka oolanii hinbulleef immoo qabanii biyyatti deebisuun hiraarsaa bara dheeraa booda murtii fakkeessaatiin murtii dua’aa irraa haga hidhaa bara dheeraatti itti kennaa akka jiru marii kana irratti saaxilamee jira.
Hawaasti yaada kana dhaggeeffates, gabaasaa MOAf akka ibsanitti, “gochaa badaa fi loogii sanyii irratti hundaa’ee ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru ku, eenyumaafuu kan tolu miti; keessaayyuu, egere biyyaafi naannoo sanaaf yaaddessaa waan ta’ee balaaleffamuu qaba,” jedhanii jiru.
Aayyoon Oromoo tokkos miidhaa ummataa Oromoo irra gahaa jiru kana yoo balaaleffatan, “Mallasaan biyya keenya nuuf dhiisee bahuu qaba; Oromiyaan kan Oromoo ti. Qe’ee keenya irratti nu hidhanii nu ajjeessuun kun balaa hamaa fida malee, Oromoo qabsoo irraa duubatti hindeebisu,” jechuun ijjannoo cimaan mootummaa Wayaanee balaaleffatanii jiru.
Gaafatamaan jaarmiyaa dhaabaa, Jaal Kadir Ibiraahim immoo seenaa Ayyaan Gootota Oromoo kun kan qabsaa’ota Oromoo maraa ta’uu yaadachiisanii, “ayyaana goototaa kan kabajnu, gumaa isaanii bilisummaadhaan mirkaneessuuf yeroo itti irbuu keenya haaromsinee daran xiiqomnee kaanuudha,” jedhanii jiru.

Dura Taa’aan Hawaasa Oromoo Austiraaliyaa Kibbaa, Ob Ibraahim namoota achitti argaman baga nagaan dhufatan jechuun simatan. Hawaasti Oromoos bakka jirrutti walqabatee, tokkummaan akka waliin jiraatu, dhibdee isaas akka waliin hiikkatu dhaamanii jiru.
Ayyaanni kun akkuma aadaa Oromootti eebba maanguddoon eegalame; maanguddoonnis akka sabni Oromoo tokkoomu, akka walta’uufi waldhagahu eebbisaniiru. Achiin, faaruun Alaabaa Oromiyaa faarfamuun sagantaan Ayyaana Goototaaa jalqabame. Ayyaana kana irratti barruuleen Xiyyaa fi Barruleen Kallacha Oromiyaa dhiyaatee gurguramee jira.