Wednesday, January 20, 2010

Hundeeffama Waldaa Hawaasa Oromo Siydinii-Australia

(Oduu 21 Amajjii 2010 Sydeny-Australia)Oromonni biyya Awustiraaliyaa kan magaalaa Siyidnii keessa jiraatan waldaa hawaasa Oromoo hundeeffataniin qaama seerumaa mirkaneeffachuun isaanii gabaafame.






Waldaa hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa maqaa jedhuun waajjira dhimma gurmaahinaa mootummaa Awusitraaliyaa irraa ragaa beekamtii kan argate waldaan kun miseenoota 50 akka horates beekameera.

Sirna labsii hundeeffama waldaa hawaasa Oromo Awusitraaliyaa kan magaalaa Siydinii sababeeffachuun sagantaa guyyaa Dilbataa Amajjii 17 bara 2009 iddoo bashannanaa Olompik keessatti qophaaherratti, maatiin miseensoota waldichaafii keessummoonni argamuun gammachuu isaanii mul’isaniiru.

Sirna kanarratti akka ibsametti, waldaan kun walitti dhufeenya hawaasa Oromo cimsuu, aadaafi afaan oromoo dagaagsuu, rakkoolee hawaasa Oromo furuudhaaf yaalii godhamu keessatti hirmaachuun kaayyoo isaati.

Waldaan kun koree bulchiinsaa dabalatee gurmuulee dhimma afaan Oromoofi Ispoortii qindeessan haamateera.

Hundeeffama waldaa hawaasa Oromo Awusitiraaliyaa kan magaalaa Siydinii kana dhugoomsuuf Waldaan hawaasa Oromoo Viiktooriyaafi namoota matayyaan carraaqaa turanis wayituma kana galateeffatamaniiru.

Guyyaa eebba waldichaa sababeeffachuunis miseensoota gidduutti waldorgommiin kubbaa miilaa taphatameera.


Kanaan durattillee, waldaaleen hawaasa Oromoo kutaalee biyya Awustiraaliyaa Viktooriyaa, Adileed fii Parzi keessatti hundeeffamuun socho’aa akka jiran beekamaadha.

Sunday, January 3, 2010

Ayyaana Amajjii 2010



Posted by Picasa

Saturday, January 2, 2010

Gabaasa Suuraa Amajjii 02 2010: Konyaa Adelaide keessatti Ayyaana Guyyaa WBO fi Bara Haarawaa













Amajjii 02, 2010: Konyaa Adelaide keessatti Ayyaana Guyyaa WBO fi Bara Haarawaa Kabjamee oole

Amajjiin Adelaide Keessattis Kabajame!!


Amajjiin Konyaa Adelaide keessattis Sirna Hoo’aan Kabajame.
(Madda Oduu ABO, MOA, Adelaide, South Australia, 03 Amajjii 2010) Ayyaanni guyaa Waraaana Bilisummaa Oromoofi barri haaraa Australia kibbaa magaalaa Adelaide keessatti sirna hoo’aan kabajamee ooluuun gabaasame.

Maddi Oduu ABO, MOAn, Adelaide irraa akka gabaasetti hawaasti Oromoo magaalaa Adelaide keessa jiraatan walitti dhufuun guyyaa WBO fi bara haaraa kana kan kabajatan Amajjii 02, 2010 ture.

Amajjii Ayyaana kana irratti Jaal Kadir Ibiraahim seenaa Ayyaana Amajjii ilaalchisanii ibsa kenneen, guyyaan kun guyyaa yaadannoo humni kaayyoo fi cichoomina qabu rakkoon injifatamee faca’uu akka hindandeenye itti dhugoomse ta’uu hubachiisee jira.

WBO ayyaana tokko kan maqaa isaan sadarkaa dhaabaatti bara baraan ayyaaneeffatu akka qabaatu kan murtaa’e Amajjii 1, 1980 ta’uu kan yaadachiise Jaal Kadir, guyyaan kunis erga gaafasii kaasee, dhaaba keessatti kabajamaa akkuma har’a gahe fuuldurattis kabajamuun isaa kan itti fufu ta’uu ibsee jira.
Miseensoti ABO konyaa Adelaide ayyaana guyyaa WBO kana irratti hirmaatanis yaada gabaasaa MOAf kennaniin, Amajjii ayyaaneffatan haala WBOn keessa dabre, amma immoo qabsoo hadhawaa diinaa wajjin godhamaa jiru akka wal yaadachisan addeessaniiru.
“Amajjii 2010 yeroo ayyaaneffannu WBO jabeessuuf akkuma baratame wanneen dandeenyu maraan akka birmannu waadaa keenya deebisnee haaromsinee jirra,” kan jedhe miseensi ABO biroon, “yeroo ammaa kanas ummati keenya, dacheen keenyaafi jireenyi keenya marti humna alagaan saamamuun daran kan jabaatee itti fufe waan ta’eef qabsoo keenya dachaadhaan dabaluun nu barbaachisa,” jedhee jira.
Ayyaana kana irratti Dhahaan Oromoo kan bara haaraa sadarkaa dhaabaatti qophaa’es dhiyaatee tokkoon tokkoon isaa doolara Australia kudhan-kudhanitti gurguramee maallaqni isaa galii ta’uun beekamee jira.
Har’a ABO keessatti Amajjiin 1, guyyaa ayyaana dachaa itti kabajamuu dha. Guyyaan kun guyyaa barri moofaan dhumatee haaraan seenuu waan taheef bara haaraa simachuuf kabajama. Inni lammaaffaa immoo WBO reeffu lafaa ka’e dhabamsiisuuf duula diiinni itti bane irraa hafee haga har’aatti falmaa bilisummaa itti fufaa jiraachuu isaa yaadachuuf haala addaddaan kabajamaa jira.
==============MOA====================